Biloogii Qarshii hojjetu akkamitti banuu dandeenya?
Duraan dursa hundumti keessaniyyuu Baga nagaan gara Website ykn Blog keenyatti dhuftan! Anaa dhufu jenne!
Egaa Biloogii kana keessatti wantoonni nuti ilaallu;
→ Qarshii karaa interneetii akkamitti akka argannu
→ Marsariitii akkamitti akka bannu
→ Applikeeshinoota Andirooyidii barbaachisoo
→ Waa'ee YuuTuubii (YouTube tips and tricks)
→ Waa'ee Miidiyaalee hawaasaa (About Social Media) fi k.k.f. ni ilaalla. Wanti ajaa'ibaa Blog kana irra jiru ammoo wanti as irratti isinitti agarsiisnu hundi bilisaa fi Mobile dhaan kan hojjetamudha.
Biloogii Akkamitti banuu dandeenya?
Jalqaba irratti Blog ykn Website banuu ilaaluu keenyaan dura wantoonni nuti dursinee ilaallu ni jiru isaan haa ilaallu;
Blog banuu keenyaan dura;
• Blog keenya waa'ee maalii irratti xiyyeffata?
Inni kun baay'ee barbaachisaadha, sababni isaas kun galii keenya murteessuu danda'a waan ta'eef, fakkeenyaaf Blog keenya waa'ee Insurance, Real estate, Marketing fi k.k.f irratti xiyyeffata yoo ta'u galiin nuti argannu guddaa ta'a, sababni isaas fknf :- Kiiwoordii Maarkeetiing jedhuufi USA keessatti CPC (Cost Per Click) isaa $50 olidha, blog keenya waa'ee Marketing haasa'a yoo ta'e USA irraa namni kudhan beeksisa Blog keenya irratti darbu yoo xuqe salphaatti $500 ol argachuu dandeenya jechuudha, kuni murteessaadhaa. Kana waliin wanti kan biraa ammoo Blog keenya Afaan kamiin banna? Afaanonni Addunyaa kana irra jiran hundi Adsense irratti fudhatama hin qaban, jechuun Blog irratti monetize hin ta'aan «Unsupported language» jedha. Fknf :- Afaan Amaariffaa fa'a fudhatama hin qaban Adsense irratti garuu Afaan Oromoon fudhatama qaba Adsense irratti.
Egaa blog keenya waa'ee maalii akka dubbatu filanne, Afaan ittiin Blog keenya bannu filanneerra, garuu wanti hubatamuu qabu dandeettii keenyaan ala qarshiidhaaf jennee Keyword qarshii gurguddaa qaban irratti hojjechuu hin qabnu Sababni isaas yeroo Blog keenya gamaggamu Adsense nu kuffisuu danda'a waan ta'eef. Kanaafuu waan dandeenyuun, Afaan dandeenyuun haa hojjennu hamma hojjenne ni arganna.
• Biloogii banuudhaaf jalqaba akkaawuntii Gmail qabaachuu qabna, egaa Google tajaajila hedduu inni kennu keesaa tokko Gmail dha, kanaafuu jalqaba akkaawuntii Gmail bilbila keenyaan Salphaatti banachuu dandeenya.
Amma gara hojiitti haa seennu, wanti hundinuu hanga danda'aame ifa akka ta'utti kan qophaa'edha, hundinuu bilisaanidha, hundayyuu mobile dhaan isinitti agarsiisnu, tarii wanti ifa isiniif hin taane yoo jiraate karaa Telegram nu gaafadhaa!
1. Biloogii akkamitti banuu dandeenya?
Akkuma armaan olitti ilaalle Blog banuudhaaf jalqaba akkaawuntii Gmail account qabna jenneera, yoo account Gmail hin qabaanne ammoo salphaatti application Gmail bilbila keenya irratti argamu irraa banachuu dandeenya.
Biloogii karaa bilisa ta'een banuudhaaf Website nu gargaaran keessaa isaan gurguddoon lama isaanis :
• WordPress fi
• Blogger dha.
Website kanneen lamaan irraa bilisaan website banachuu dandeenya, kunis website ykn Blog keenya dhuma isaa irratti yoo WordPress irratti banne dhumni isaa example.wordpress.org, yoo Blogger irratti banne ammo example.blogspot.com ta'a. Egaa maxxantuu «Wordpress.com» ykn «blogspot.com» jedhu kana balleessinee gara «example.com» kan jedhutti jijjiiruuf dirqama domain bituu qabna, fknf Itoophiyaa keessatti domain kan gurguran dhabbilee akka Ethio Telecom, Hahu fi k.k.f dha. Gatiin isaaniis giddu galeessaan naannoo qarshii 700-1000 ti waggaatti. Kana isinitti himuufi malee homaa waan isin yaadessu miti, kanaafuu nuti website keenya karaa bilisaan kaffaltii tokko malee ni banna.
Kanaafuu Blog kana banuuf jalqaba gara Website www.blogger.com jedhutti deemnee, ykn website www.blogger.com kana Chrome irratti ni banna, homaa hin yaadda'inaa tartiiba isaa hunda Screenshot kaasuudhaan isinitti ni agarsiisna waan ta'eef;
Step 1.
Erga Website sana banne booda «Create your Blog» kan jedhu tuqaa!
Step 2.
Create your Blog kan jedhu erga tuqxan booda, akkuma Suuraa armaan olii irraa ilaaltanitti jechuudha. Step itti aanu ammoo Account Gmail Blog kana ittiin banattan isin filachiisa. Egaa akkuma dursinee isinitti himnetti Blog ykn Website banachuuf Account Gmail qabaachuun dirqama, kanaafuu jalqaba Account Gmail banadhaa, sana booda gara Website Blogger ykn gara Website bilisaan itti banamuutti erga seentan booda «CREATE YOUR BLOG» kan jedhu tuqxu, sana booda akka armaan gadii kanatti isiniif fida. Erga akkasitti isiniif fideen booda account Gmail Blog ittiin banuu barbaaddan filachuun tuqaa!
Step 3.
Erga account Gmail Blog ittiin banuu barbaaddan filattan booda, tarii Account Gmail sun kan keessan ta'uu adda baasuuf Verify taasisaa ykn Password keessan galchaa isiniin jechuu danda'a. Isinis Password yoo isin gaafate Password account Gmail keessanii galchaafii.
Step 4.
Erga account Gmail keessan filattan booda bifa armaan olii kanaan isiniif fida. Yeroo akkasitti isiniif fidus bakka duwwaa sana irratti ykn iddoo «Choose a name for your Blog» iddoo jedhutti maqaa Blog keessanii guutaa!.
Maqaa Blog keessanii erga guuttan booda «Next» kan jedhu tuqxu. Sana booda akka armaan olitti isiniif fida. «Choose URl for your Blog» kan jedhu jalatti ykn bakka duwwaa «Choose URl for your Blog» website ykn URL blog keessanii barreessitu. Fakkeenyaaf :- abcdef bifa kanaan «Blogspot.com» kan jedhu isin barreessuun isinirraa hin eegamu Auto dhaan innumtiyyuu waan itti guutuuf. Ergaa Url Blog keessanii guuttan booda next kan jedhu tuqaa, sana booda Blog bantan jechuudha.
Step itti aanu hoo maalidha laata?
Kutaa itti aanutti ilaalla, egaa akkuma isinitti himne wanta hunda bilisaa fi ifa taasisnee isinitti himna, homaa wanti isin dhokatu tokkoyyuu hin jiru, wanti isin rakkise yoo jiraate karaa Telegram nu gaafachuu dandeessu, Koorsii kana hardha eegalleerra, yoo baay'ate ji'a tokko yoo fudhatedha qarshii argachuu jalqabuudhaaf Step nuti isinitti himnu hunda yoo hojiirra oolchitan ji'a hardhaa Blog keessan Monetize taasistanii qarshii argachuu ni jalqabdu!
0 Comments