Boqonnaa 1
Kutaa 2ffaa
Baga nagaan dhuftan! Blog kana irratti Barreeffamoonni fi Koorsiiwwan Afuurawaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Afaan Oromootiin dhiyaatan karaa Channel Telegram Ortodoksii Tawaahidoo kan dhiyaatan yoo ta'u Blog kana waliin ta'uuni. Mata duree Afuurawaa kana jalattis wantoonni Afuurawaa hedduun Sirna, Qannoonaa fi Doogmaa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa kan eeggatan Afaan Oromootiin kan dhiyaatan yoo ta'u guyyaa hardhaatiif qo'annaa Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge ni ilaalla. Isinis dubbisaa! akkasumas share taasisuun nu jajjabeessaa! Dubbisa gaarii!
Hub :- Kutaa 1ffaa osoo hin dubbisiin gara kanaatti hin darbiinaa!
Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge
Raajotaa fi Gooftaa keenya gidduutti
Waaqni Abboota keenyaa Waaqayyo gooftaan Abbootii keenya waliin karaa Raajota isaatiin wanti inni nutti dubbate, dhuma barichaatti ilma isaatiin wanta nutti dubbate waliin gargaridha. Garaa garummaa isaa ilaaluu keenyaan dursee Duuka bu'ichi maalif «Dhuma barichaatti» ykn «በዘመኑ መጨረሻ» jecha jedhu fayyadame kan jedhu haa ilaallu;
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee akkas jedha «Dhuma barichaatti jecha jedhu fayyadamuun gara fuulduratti kabaja ibsamuuf jiru agarsiise», iddoo biraattis akkas jedhamee jira «Gooftaan dhiyoodha» Filp. 4:5. «Yeroo itti amannee caalaatti, fayyinni keenya gara keenyatti dhiyaateera waan ta'eef» Room. 13:11. Dhuma barichaatti kabaja ibsamu qaamni ilaalu dhadhabbiin Addunyaa kana irratti dhadhabe gatii akka argatuufi dhadhabbii isaa kana hordofee boqonnaan bara baraa akka dhufu ni hubata. Qulqulluun Yohaannis irra deebiidhaanis akkas jedha «Bara dhumaatti guyyaan firdii dhiyaachuu isaa dhaga'aa. Kennaan Waaqayyoo lakka'aamuu hin dandeenye Qulqullummaan yeroo itti ibsamu ni dhufa».
Waaqayyo Abbaan Raajonni sagalee isaatiif kan amanaman ta'aanii yeroo isaan argu meeshaa sagalee isaa itti dabarfatu taasisee isaan kaase. Dhuma barichaatti ilma isaatiin kan nutti dubbate garuu meeshaa alaatiin sagalee isaa kan nutti dabarse osoo hin taane, ilmi matumti isaa sagalee ykn jecha Abbaati. Sagalee Abbaatiin uumamni kan muldhatus, kan hon muldhannes hunduu uumameera waan ta'eef. Akka Raajotaatti qaama keessummaa ta'e osoo hin taane, amalummaa isaatiin kan isaan wal qixxaatu ilma isaati. Abbaa isaa waliin tokkodha. Foon keenya mindaa taasifateera. Diinummaa balleesseera (Sababa cubbuutiin namaa fi Waaqayyo gidduutti diinummaatu ture waan ta'eef). Ifa ka'umsa isaatiin Cubbuu irraa bilisa taaneerra, Waaqayyo ilma Abbaa Abbaa jennee kan ittiin waammannu Afuura ijoollummaa nuuf kenneera. Sagalee Waaqayyoo waliin tokko taaneerra, dhiigni isaa dhiiga keenya, foon isaas foon keenya keessa bulee ni jiraata.
Sagalee Waaqayyoo akka fudhannuuf kan ajajamne ajaja addaatiin miti, Sagalee isaa fudhannee qaama keenya keessatti Waaqayyo akka moo'uuf ni taasisna, qaamni keenyas jiraataa, aarsaa qulqulla'aas taasisnee dhiyeessina malee. Abbaaf maddi gammachuu isaa ilma isaa Amalummaa Waaqayyo ilmadha., Ilmis fedhii isaatiin fedhii Abbaa isaa raawwate. Fedhiin Abbaa fedhii ilmaa, fedhii Afuura Qulqulluutis. Fedhiin kunis fedhii ajajaa, ajajamaa, raawwataa fi raawwachiisaan keessa jiru miti. Jecha tokkoon, aangoo tokkoon, Waaqa tokkoon fedhii raawwatamtudha. Ajajoonni isaas nama Amantiidhaan fudhatuuf salphaadha malee ulfaataa ykn cimaa miti. Kennaa Samii irraa ijoollummaa, sammuu gaarii kan nuuf kenne jaalala Gooftaa keenyaan namoota jiraataniif malee «Mootummaan Waaqayyoo isin gidduu jirti» jechi jedhuyyuu dhugaa kana agarsiisa.
Yeroo durii baroota darbanitti Abbootiin keenya Raajonni Waaqayyo waliin yeroo dudubbatan kan simatan gurguddoo kan ta'aan ergamoota Waaqayyooti. Dhuma barichaatti Waaqayyo Abbaan ilma isaatiin yeroo nutti dubbatu kan nuuf kenne ilma isaati. Iccitiin jireenyaa, fayyinni, ka'umsi fi jireenyi hundumtuu argamni isaanii isa irraati. Dhuma barichaatti Waaqayyo kan nuuf kenne ilmi isaa sagaleen ykn jechi eenyudha?
1. Amalummaan kan isa waliin wali qixxaatu ilma isaati
Duuka bu'ichi ilma isaatiin nutti dubbate jedhe malee, Raajota isaatiin nutti dubbate hin kenne. Kanaafuu Abbaa isaa waliin tokko kan ta'e ilmi isaa dhiiga isaatiin Qulqulleessuun (Qaddasuun), kennaa ijoollummaatiin kabajee ijoollee kennaa Waaqayyo Abbaa kan ittiin taane aangoo nuuf kenne. Dhaloonni ykn Dhalootni keenya kun Afuurawaa fi kan Samii waan ta'eef maqaa isaatiin kan amananiif isaaf ijoollee Waaqayyoo akka ta'aaniif aangoo kenneef. Isaanis Waaqayyo irraa dhalatan malee, fedhii dhiigaa ykn Foonii ykn fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne» nuuf jedhame. Yoh. 1:13. Ilmatti yeroo anannu Abbaatti amanuu keenya. Ilma yeroo beeknu Abbaas ni beekna. Ilma ykn Iyyesuus Kiristoos yoo hin qabnu ta'e garuu akkuma barreeffame Waaqayyo Abbaas hin qabnu, Waaqayyo Afuurri Qulqulluu laphee Raajotaa sirreessee sagalee Waaqayyoo baachuuf gahoo ta'aan akja argaman taasise.
Raajonni hangamiyyuu Sagalee Waaqayyoof kan ajajaman ta'aaniyyuu, uummata dursanii gara Waaqayyootti gara Mootummaa Waaqayyootti geessuun isaaniif hin danda'aamne. Ta'us garuu ilmi Waaqayyoo Iyyesuus Kiristoos gara Mootummaa isaatti nu dhiyeesse. Ergaawwan Qulqulluu Phaawuloos yeroo qo'annu dhugaa Afuurawaa Amantaa Kiristaanummaa ni hubanna. Kanas jecha tokkoon haa ibsinu yoo kenne «Kiristoosiin hunduu ni ta'e» kan jedhu ta'a. Isaan Abbaan fedhii isaa nuuf ibse, nu waliinis ni dubbate, Amanaa kan ittiin taanus kennaas nuuf kenne. Fuuldura isaatti Qulqullootaa fi mudaa kan hin qabne akka taanuuf Kiristoosiin nu filate. Efe. 1:4. Dhiiga isaatiin fayyina keenya arganne, Efe. 1:7. Dhuma barichaatti wanta raawwatamuuf jiru yaadichis Samii fi lafatti waan ta'uuf jiru hundi Kiristoosiini, Efe. 1:8. Isaan Sooressoota akka taanuuf taaneerra waan ta'eef. 1 Qor. 1:5.
2. Hunda dhaalaa kan taasisedha
Duuka bu'ichi iddoo kanatti kan dubbatu waa'ee jecha «Siggiw» ti, hunda kan uumedha, mataa isaa gadi qabee bifa namaatiin ykn bifa hiyyeessotaatiin ni ibsame, haaluma kana taasiseen maqaa maqaa hundarra caalu dhaale jedhameef. Dhaale jedhamee kan dubbatame waa'ee wanta biraa osoo hin taane waa'ee fooniiti. Isaan nutis hunda dhaalaa ta'uun nuuf danda'aama waan ta'eef. Waa'ee keenyaaf yeroo jedhu teessoo isaa Samii irratti teessoo isaa Waaqummaa irraa bu'ee mataa isaa gadi qabe. Awwaala haaraatti awwaalame. Sababa kanaafis ijoolleen namaa isa biratti Bultoo akka qabaannuuf taasise. Hunda dhaalaa akka taanuuf, ilma namaa ol ol kaasuun fedhiin kuni fedhii Waaqayyooti. Ta'us garuu Raajonni waa'ee dhaala kanaa, waa'ee biyya Waaqayyo nuuf qopheessee jecha ykn sagalee isaa dabarsan. Ofii isaanii garuu dhaala kana kan fudhatan hin turre. Wanta kana akka fudhataniif Kiristoos dhuma dhaala hundaa ture waan ta'eef.
3. Baroota Kan ittiin uumedha
Jecha kanaan Duuka bu'ichi ibsuu kan barbaade Kiristoos fageenya caalmaa inni Raajota irraa qabu agarsiisuudha. Raajonni jecha Waaqayyoo kan fudhatan abbootii adaraa jecha Waaqayyooti, uumamtootadhas. Waaqayyo jecha ykn sagalee isaa akka raawwatuuf, akka cimuufis jireenya isaanii lafa irratti Waaqayyoof kennanii kan deddeebi'anidha.
Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos garuu Uumaadha. Samii fi lafa jiraachuu dhabuu (ካለመኖር) irraa gara jiraachuutti kan fidedha. Qulqulluun Yohaannis Wangeelaawwiin akkas jedha «Wanti hundi isaan ta'e, wanta ta'e keessaa wanti tokkoyyuu isaan ala kan ta'e hin jiru» Yoh. 1:3. Isaan uumamni hundi walitti qabateera. Samii fi lafti haaraan isaan nuuf eegameera.
4. Ifti kabaja isaa fakkeenya Amala isaati
Duuka bu'ichi namoonni ykn saboonni ergaa isaa kana barreesseef kana gara sadarkaa garmalee ol ka'aatti baasee kabaja ilma isaa akka arganiif isaan taasise. Isaan ifni kabaja Abbaa ni muldhate, fakkeenya amala isaatis. Suuta suutaanis gara ifa eenyuyyuu itti dhiyaachuu hin dandeenyeetti oofee isaan geessisuu barbaade.
Ifuun ykn muldhachuun Kabaja isaa fakkeenya Amala isaati ibsi jedhu Ilmi Abbaa waliin Amalummaa Waaqummaatiin kan wal qixxaate ta'uu ni dhorkaa? tokkummaa isaanii barabaraa ni mormaa? jechamni ifuu kabaja isaa jedhu dhaloota isaa bara baraa fi isa jalqabaa (uumama Addunyaa dura haadha malee abbaa irraa kan dhalate) ibsuuf Duuka bu'ichi jecha itti fayyadamedha. Ifni balaqqee ykn ifa isaatiin malee hin beekamu waan ta'eef. Ilmi isaa ifa irraa kan argame ifa dhugaadha, ifuun ykn balaqqeen barabaraa ifa isaa irraa gonkumaa adda ba'uun hin ta'uuf waan ta'eef. Ifni hin ifne ifa dhugaa jedhamuus hin danda'u.
Qulqulluun Atinaatewoos inni Iskindiriyaa akkas jedha «Kan bara baraa ta'uu ilma isaa kan shakku Sammuun ykn yaaduun kan itti hirdhate eenyudha? Ifa balaqqee ykn ifa isaatiin alatti arguun kan isaaf danda'aamu eenyudha? akkasumas balaqqeen ykn ifni ifa irraa akkuma adda hin baane Ilmis Abbaa irraa gonkumaa gargar hin ba'u. Ifni ykn ifummaan ifa irraa osoo adda hin bahiin ilaaluun kan isaaf danda'aamu eenyudha? Seera uumamaatiin waliin kan jirani malee, inni tokko isa kan biraa hordofee ykn duuka bu'ee kan dhufu miti waan ta'eef. Akkasumas ilmi isaa muldhachuu ykn ifuun Kabaja Abbaa fakkeenya Amalummaa isaa ta'ee osoo jiruu, Abbaa isaa waliin Amalummaa kan wal qixxaate maalif hin ta'uree? Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos akkas jedhe 'Ana kan arge Abbaa argeera.' Yoh. 14:9. Ilmi jechi Abbaa Ogummaa isaatis waan ta'eef ilmi Abbaa irraa adda bahee yeroo itti ture akkamitti jiraata?»
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee akkas jedha «Ajaa'ibsiifannaa guddaadhaan taatanii wanta kana hubadhaa! fudhadhaas!. Abbaa irraa kan dhalate waan ta'eef, Abbaa irras hin caalu, hin xiqqaatus» akkasumas akkas jedha «Abbaan Kakuuwwan Moofaa fi Haaraatti ifa jedhamee waan waamameef, Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoosis ifadha.» Yoh. 12:46. Kanaafuu Qulqulluun Phaawuloos bara baraaf Abbaa irraa ta'uu isaa ibsuuf ifa ykn balaqqee Kabaja isaa (የክብሩ ነፀብራቅ) jedheen. Gooftaan keenya Ofii isaa «Ani ifa Addunyaati» jedhee yeroo waamu dhageeffadhaa, akkasumas Ani Ifa Addunyaati yeroo jedhu jireenya keenyas kan ibsu isa ta'uu isaa yeroo nutti himudha. (Yoh. 8:12). Ifni ifa isaa ykn balaqqee isaa waliin akkuma tokkummaa qabu, tokkummaa Abbaa fi Ilma ibsuu barbaadeetu.
Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos Raajota waliin yoo wal bira qabne kan yaadannu iccitiin tokko jira. Museen Waaqayyo waliin yeroo wal argetti ifni balaqqee Waaqayyoo fuula Musee irratti waan tureef uummanni gara Museetti ilaaluun isaaniif hin danda'aamne ture. Kanaafuu uummata waliin dubbachuuf yeroo dhufetti fuula isaa haguuggiin haguuggachuun isarra ture, Waaqayyo waliin yeroo dubbatu haguuggiin fuula isaa ittiin haguuggate sana ni bana ykn fuula isaa ni ibsa ykn fuula isaa ni agarsiisa.
Kuni fakkeenya Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyesuus Kiristoosidha. Gooftaan keenya mataan isaan ifa ykn balaqqee Abbaati. Ifni inni hin qabne Abbaa irraa bahee akka fuula Museetti akka ifu isa hin taasisu. Ifni kunis Ifa Abbaa irraa kan gargar hin baanedha. Museen fuula isaa akkuma haguuggiin haguuggate, Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis Amalummaa Waaqummaa isaa (Dubroo Maariyaam irraa) foon fi lubbuu uffateen ni dhokse. Kana taasisuu isaatiinis isa waliin dubbachuu, nyaachuu, dhuguun nuuf danda'aame. Iccitii Waaqayyoos, fedhii Waaqayyoos beekuun nuuf danda'aame. Raajicha Daawwit waliin «Ifa keetiin ifa ni argina» jechaa maqaa isaatiif Faaruu ni dhiyeessina. Kana jechuunis ifa kabaja keetii kan ta'e ilma kee Amalummaatiin iccitii kee ni ilaalla. Gara gammachuu kee, kabajakee bara baraatti ni seenna jechuudha. «Fakkeenya Amala isaa ta'ee» jecha jedhu Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee yeroo hiiku Amalli ilmaa amala Abbaa irraa kan argame ta'uu isaa jecha ittiin hubannedha jedha.
5. Hundumayyuu Jecha ykn Sagalee Aangoo isaatiin kan Utubudha
Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee akkas jedha «Waaqayyo Afuurri Qulqulluu sammuu dubbisaa sanaa kaasee gara Tulluu ol jedhetti ni baasa, kunis Tulluu Beekumsaa bira him gahamnedha. Tulluun kunis iccitii waa'ee Kiristoosiif dubbatamudha. Ibrootaafis waa'ee Foonummaa erga itti hime booda, kuni kan foon uffatee mul'ate kun uumaa ta'uu isaa isaan hubachiise, Amalummaa isaa kan ilaallateen yeroo isaan hubachiisu ammoo Ifa ykn Balaqqee Kabaja Abbaati» jedhe. Amma gara sadarkaa isaan hubachuu danda'aaniitti bu'ee akka isaaniif of eeggatutti yeroo hubachiisu «Hundumayyuu jecha aangoo isaatiin kan Utubudha» jedheen. Sammuun namaa wanta hubachuu danda'u irraa baasee gorsa Kiristoos akka hubataniif gara iccitii ol ka'aatti isaan oofe, Hojii fi Amala Kiristoos hunda tarreesse. Duuka bu'ichi Afuura Qulqulluun oofamee ykn durfamee waa'ee humna Gooftaa, hundumayyuu jecha aangoo isaatiin akka utubu inni hunda danda'aa ta'uu isaa ibse. Ilmis ifa ykn balaqqee cimaa eenyuyyuu itti siquu hin dandeenye kan qabu yoo ta'u garuu jaalala isaa ajaa'ibaatiin isaan akka jiraannu, inni nu keessa akka jiraatu nuuf eeyyame.
Guduunfaa :- Hiikoon Kitaaba Ergaa Qulqulluu Phaawuloos gara Ibrootaatti erge Boqonnaan tokko kutaan 2ffaan kana fakkaata ture waan dubbistaniif Galatoomaa! yeroo itti aanutti kutaa 3ffaa ni ilaalla.
Galanni Waaqayyoof haa ta'u!
By :- Ortodoksii Tawaahidoo
0 Comments