Oduu Duriiwwan Uummata Somaalee Dhageettii dhaban keessaa inni tokko kanadha
Galoo fi Haaloo
Oduu Durii ajaa'ibaa fi Barumsa guddaa qabu
Namichi tokko Gaala naannoo sanaa badde barbaacha bosona naannoo sana ture seena. Dhamaatii fi dhadhabbii hedduu boodas Gaala baddee turte sana argatee gara Magaalaattii deebi'ee, Gaala sana osoo namicha Gaalli jalaa baddeef hin deebisiin yaada isaa jijjiiree ofii isaa Aannan ishee elmatee dhuguu fi yaabbatee deemuus jalqabe. Gaala baddee turte kana Bineensi akka ishee hin nyaanneef Bineensa irraa oolchuuf bosona seenee namichi ture innumti mataan isaa Gaala sana fudhachuun isaa garmalee namoota hedduu ajaa'ibsiise. Xiqqoo turees Gaala tokkittii sana irraa Elmee, Gaala sana irra taa'ee naanna'aa namoota naannoo sana jiraniif Aannan gurguruu jalqabe. Ta'us garuu galiin Aannan Gaala tokkittii sana irraa argatu al tokkoon Sooressa waan isa taasisuu hin dandeenyeef wanta biraa yaade. Aannan Gaalaa sana keessatti bishaan itti dabalee walitti makee gurguruu jalqabe. Namoonni naannoo sanaas ykn namoonni aannan irraa bitanis «Namichi maal ta'e? amalli isaas, Aannan isaas ni jijjiirame hoo?» jechaa cal jedhanii isa irraa bituu jalqaban.
Namichis Aannan Gaala sanaa irratti bishaan itti baay'isaa, lakkoofsa ykn baay'ina Gaala inni qabuus dabalaa deeme. Boodarras Daldaltoota Gaalaa fi Aannan Gaalaa biyya sana keessa jiran irra ani nan caala kan jedhe, dureessa yeroo isa waaman hin dhageenye ta'e. Namoonni naannoo sanaas «Namichi kun kaleessa homaa hin qabu ture, Gaala badde barbaacha bosona seene, deebi'ee dhufe, Magaalaa seene, yeroo tokkoon Sooressa ta'e» jedhanii isa ajaa'ibsiifatu ture. «Aannan qofaa gurguree akkamitti waggaa lama keessatti Gaala 300 bituu danda'e?» kan jedhus oduu odeeffamu ta'e.
Namichi garuu homaayyuu itti hin fakkaanne, Aannan sana irratti bishaan dabalee gurguruu itti fufe, inumaayyuu namoota isa jalatti hojjetan qacaruudhaan Aannan inni gurguru eenyuyyuu dhugee kan hin beekne ta'uu isaa isaan amansiise. Inumaayyuu yeroo tokko tokko Aannan bifa isaa qofaa akka jijjiiruuf itti dabala ture malee guutummaa guutuutti bishaan gurgura jechuun ni danda'aama. «Uummanni si balaaleffachaa jira, karaa tokkoon tasa kaatee, magaalaa seentee Sooressa taate, kana yeroo siif obsinu ammoo Aannan hirdhistee bishaan itti baay'isaa gurguruu jalqabde.» yeroo jedhaniin «Dhiisaa maaloo! ofii Aannan ani gurguru bituun alatti uummanni naannoo kanaa filannoo kan biraa kan qaba?» jedha ture.
Bishaan inni Aannan sana irratti dabalaa tures baay'achaa, baay'inni Gaala inni qabuus garmalee dabalaa deeman. Gaalli inni qabus biyya sana guutan. Iddoo isaan itti bulan fi itti dheedaniifis jedhamee lafti addaa isaaniif kenname. Lafti kunis lafa lalisaa laga qarqaratti argamudha.
Gaaf tokko Laga Shabalee jedhamu qarqaratti Gaalota isaa bobbaasee inni gaaddisa muka tokkoo jala taa'ee mucaa isaa waliin Shaayii dhuga ture. Kana gidduuttis naannoo sanatti kan argamu lafa ol ka'aa irraa bokkaa cimaa roobeen Lagni sun guutee Gaalota namicha sanaa Laga sana qarqaratti dheedaa turan hunda ni fudhate. Sagalee Lolaa ykn Galoo sanas dhaga'aanii Abbaa fi mucaan isaa yeroo deemanii ilaalan Gaalonni isaanii hin jiran, hundumti isaanii bishaan guute sanaan fudhataniiru. Namoonni naannoo sanaa iyya isaanii dhagaa'aanii achitti walitti qabamanis wanta ajaa'ibaa kana ni ilaalu ture.
«Argitee» jedhaniin Jaarsi tokko «Bishaan ati Aannan irratti dabaltee gurguraa turte sun walitti qabamee, baay'atee, kuufamee Lolaa ta'ee Gaalota kee fudhate. Wanta badaa hojjechuun akkasidha bu'aan isaa, yeroo hojjetan salphaa fakkaata, gaafa walitti qabamee baay'ate garuu Lolaa ta'ee fudhata. Dhiisi yeroo siin jennu nu dhaga'uu didde ture, ati bifa kanaan Gaala hedduu baay'ifachaa yeroo deemtu, bishaan badiinsaa karaa biraatiin walitti qabamaa jiraachuu isaa irraanfatteerta. Garuu guyyaa isaa eeggatee kunoo Lolaa ta'ee dhufe» jedhaniin.
Waan dubbistaniif Galatoomaa!
0 Comments