Applikeeshinoota Browser Bilbila keessan irra dirqama jiraachuu qaban 5
Bilbila Android ta'e yeroo binnu jalqaba osoo nuti hin tuqiin dura ykn nuti Applikeeshinii kamiyyuu osoo irratti hin fe'iin dura Bilbila sana waliin kan dhufan Applikeeshinoonni garaa garaa ni jiru. Isaan kana keessaas yeroo baay'ee bilbiloota Android irratti kan arginu tajaajila Kaampaaniin Google kennu keessaa kan ta'aan kanneen akka;
- Google Chrome
- Gmail
- Maps
- Google Drive
- YouTube
- YT Music
- Google News fi k.k.f
Ta'us garuu isaan armaan olitti ilaalle kunneen hundi bilbila hunda irra jiru jechuu miti, bilbiloonni tokko tokko kanneen keessaa muraasa isaanii yoo qabaatan, kanneen biroo ammoo isaan armaan olitti caqasne kanneenii fi kanneen biroos dabalatanii ni qabu.
Akkasumas gama biraatiin Applikeeshinoota bilbila waliin dhufan keessaa baay'inaan bilbiloota hedduu irratti kan argaman keessaa kanneen akka;
- Viber
- Browser fi k.k.f ni argamu.
Egaa bilbila keenya yeroo binnu Applikeeshinoonni kunneen yoo irra jiru ta'e kan biraa buusuun osoo nu hin barbaachisiin yoo barbaachisaa ta'e haaromsuun ykn «Update» taasisuun itti fayyadamuu dandeenya. Ta'us garuu Applikeeshinoonni bilbila waliin dhufan kunneen qofti nuuf gahaa miti, Applikeeshinoota bilbila keenya irra hin jirre garuu baay'ee barbaachisoo kan ta'aan kanneen biroos Play store irraa buusnee fayyadamuu qabna, keessattuu wantoota akka YouTube, Blog fi k.k.f ni hojjenna yoo ta'e.
Nutis mata duree keenya hardhaa keessatti Applikeeshinoota kanneen baay'ee barbaachisoo ta'aan keessaa Browser dirqama bilbila keenya irra jiraachuu qaban 5 isiniif qabaannee dhiyaanneerra. Isinis dubbisaa! hiriyoota keessaniifis qoodaa! yaada keessanis nuuf barreessaa!
Applikeeshinoota Browser Bilbila keenya irra jiraachuu qaban 5
1. Chrome
Akkuma hundi keenya beeknu Applikeeshiniin kun ykn «Google Chrome» bilbila Android hunda irratti kan argamudha jechuun ni danda'aama. Application kun bilbila Android yeroo binnu bilbila sana irratti kan argamu yoo ta'u, Play store irratti;
• Si'a Biiliyoona 10 ol download ta'eera.
• Play store irratti Rate ykn madaallii 4.2 qaba
• Akkasumas Applikeeshiniin kun namoota Miiliyoona 36 oliin madaalameera ykn review ta'eera
Applikeeshiniin kun wantoota ajaa'ibaa hedduu kan of keessatti qabate yoo ta'u, wantoota akka;
→ Desktop site
→ Incognito tab
→ Dark mode
→ Translate fi wantoota ajaa'ibaa hedduu qaba. Garuu Browser kun saffisa irratti neetwoorkii cimaa gaafata.
2. Firefox
Applikeeshiniin kunis gama browser dhaan beekamaa yoo ta'u, Google Play store irratti;
• Si'a Miiliyoona 100 ol Download ta'eera
• Play store irratti Rate ykn madaallii 4.5 qaba
• Akkasumas Applikeeshiniin kun namoota Miiliyoona 4 oliin madaalameera ykn review ta'eera
Gama biraatiin ammoo Applikeeshiniin kun wantoota inni hojjetu keessaa nuraasni;
→ Desktop site qaba
→ Private tab fayyadamuun odeeffannoo keenya kan dhuunfaa taasisuu dandeenya akkasumas wantoota garaa garaa hedduu kan qabu yoo ta'u garuu Applikeeshiniin kun akka Google chrome bilbiloota Android irratti fe'amee kan dhufu miti.
3. Opera
Applikeeshinii kana hundi keenya kan beeknu yoo ta'u, bilbiloota Android alattis bilbiloota Xixiqqoo ykn Bilbiloota Java qaban irrattis kan hojjetudha. Browser Opera kun saffisa kan qabuu fi Daataa kan qusatudha. Applikeeshiniin kun Play store irratti si'a Miiliyoona 500 ol kan download ta'e yoo ta'u, rate ykn madaallii 4.3 qaba.
Applikeeshiniin kunis gosoota garaa garaa kan qabu ykn bifa garaa garaatiin kan jiru yoo ta'u kanneen keessaas;
• Opera Mini Beta
• Opera Touch
• Opera Browser Beta fi k.k.f keessatti argamu.
4. Kiwi Browser
Kiwi Browser kun akka Applikeeshinoota Browser armaan olitti ilaalle sadanii baay'ee beekamaa miti, inumaayyuu maqaa isaa hardha qofaa kan dhageessan jiraachuun keessan hin oolu. Nutis hardha Applikeeshinii kana isin beeksisuuf qabannee dhiyaanneerra. Applikeeshiniin kun Play store irratti kan argamu yoo ta'u, garuu kan inni hojjetu Bilbiloota Android abbaa Version 5 olii irratti qofaadha.
Kiwi Browser kun Play store irratti si'a Miiliyoona 10 ol download kan ta'e yoo ta'u, Rate ykn madaallii 4.3 qaba.
Applikeeshiniin kun Applikeeshinoota armaan olitti ilaalle wantoota isaan hojjetan kan hojjetu yoo ta'u, garuu addatti Applikeeshiniin kun Applikeeshinoota armaan olitti ilaalle sadan irraa alatti Koompiitara irratti qofaa yeroo baay'ee kan fayyadamnu «Extension» kan jedhamu qaba. «Extension» kan jedhamu kanas bilbila keenyaan karaa Browser Kiwi jedhamuu kanaa fayyadamuu ni dandeenya.
5. Yandex Browser
Applikeeshiniin kunis akkuma Applikeeshinii armaan olitti ilaalle akka Kiwi browser baay'ee waan beekamu miti. Ta'us garuu Applikeeshiniin kun tajaajila hedduu kan kennuu fi faayidaa hedduu kan qabudha.
Applikeeshiniin kun Play store irratti kan argamu yoo ta'u si'a Miiliyoona 100 ol download ta'eera, akkasumas Rate ykn madaallii 4.5 qaba.
Applikeeshinii kanas wanti Applikeeshinoota kaan irraa ykn Browser akka Chrome, Opera fi Firefox irraa wanti adda isa taasisu akkuma Kiwi browser «Extension» qaba.
Egaa mata dureen hardhaaf qabannee isiniif dhiyaannee kan armaan olitti ilaaltan ture, wanta guddaa akka irraa argattan abdii qabna, garuu wanti hubachuu qabdan Browser kan jedhaman kan armaan olitti ilaalle qofaa osoo hin taane hedduutu jiru garuu nuti YouTube warreen hojjettaniif fi kanneen biroof isin fayyadu jenneetu isaan kana qofaa isiniif dhiyeessine malee. Applikeeshinoota armaan olitti ilaalle kana hunda Channel keenya Telegram irraa buufachuu dandeessu.
Waan dubbistaniif Galatoomaa!
0 Comments