Itoophiyaa keessatti Hojii online akkamitti hojjechuu fi qarshii argachuu dandeenya?


Yeroo ammaa kanatti hojiiwwan online garaa garaa ykn karaa online tiin mana keenya teenyee Mobaayilii ykn Koompiitara keenya qofa fayyadamuudhaan qarshii ni arganna. 

Hojiiwwan online kunneen gosoota garaa garaa yoo ta'aan, isaan tokko tokko beekumsa Afaanii fakkeenyaaf dandeettii Afaan Ingiliffaa fi kanneen biroo kan gaafatan ta'uu ni malu.


Biyya keenya keessattis hojiiwwan online kanneen keessaa baay'inaan namoota hedduu biratti kan baraman, fi namoonni hedduun kan hojjetan akkasumas muraasni isaanii ammoo qarshii hedduu kan ittiin argatan bebbeekamoon YouTube fi Blog dha. 

Yuutuubaroonni Itoophiyaa keessa jiran ji'atti galii hanga qarshii Birrii Miiliyoona 1 olii ni argatu. Akkuma kutaalee Addunyaa kanneen biroo biyya keenya keessattis namoonni hedduun Channel YouTube kan bananii fi Viidiyoo garaa garaa kan gadhisan ta'uyyuu kaffaltiin kan isaaniif ji'a ji'aan kaffalamu ykn «Monetize» kan ta'aan muraasadha.

YouTube akka salphaatti kan qarshii irraa argannu miti, beekumsa nu gaafata wanti hojjennu sun kan keenya ta'uu qaba, yoo kanaan alaa garuu sababoota garaa garaatiin channel keenya «Monetize» ta'uu hin danda'u, nutis qarshii argachuu hin dandeenyu jechuudha. Maalumaafuu waa'ee YouTube fi Yuutuubaroonni Itoophiyaa galii isaan YouTube irraa ji'atti argatanii yeroo biraa itti deebina.

Gara Biloogiitti yeroo dhufnu ammoo akka YouTube biyya keenyatti baay'ee beekamuu baatuyyuu biyya keenya keessatti Biloogaroonni bebbeekamoon ni jiru. Biloogaroonni kunneenis galiin isaanii ji'aa guddaa kan jedhamu naannoo € 1000 dha. Akkuma YouTube Blog kunis waan salphaa miti, qarshii ittiin argachuuf baay'ee rakkisaadha, beekumsa gaafata.

Maalumaafuu gara mata duree keenya hardhaatti yeroo deebinu beekumsa homaayyuu osoo hin qabaaatiin, sadarkaa Barnootaa kamirraayyuu jiraannee Itoophiyaa keessa teenyee akkamitti Hojii online hojjennee Qarshii argachuu dandeenya? Qarshii arganne sana hoo akkamitti fudhachuu dandeenya? kan jedhu gaaffii namoota hedduu ta'uu mala. Nutis hardha Website baay'ee gaarii ta'e hojii online hojjechiisu isiniif qabannee dhiyaanneerra itti fayyadamaa ittiin hojjedhaa!

Gara hojii kanaatti yeroo seennu, maqaan Website kanaa «Melatop» kan jedhamu yoo ta'u, link isaas melatop.com dha. Egaa website kana kanaan dura beekuu dandeessu, website kun website jalqabaa Itoophiyaa hojii online hojjechiisu fi kaffalu ta'uu mala.

Hojiin online Website kana irratti hojjetamu «PPC» ykn «Pay Per Click» yoo ta'u, Link isiiniif kennamu sana namni yeroo tuqu qarshii ni argattu, kanaanis post achi irra jiran ykn liinkii isiiniif kennaman sana copy taasisuun namoota ergitanii yeroo isaan tuqan qarshii argattu jechuudha.

Akkamitti Hojii online kana Galmaa'uu dandeenya?


Hojii online kana hojjechuuf jalqaba galmaa'uu qabna. Galmaa'uuf kan barbaachisu bilbila ykn Koompiitara qofaa yoo ta'u jalqaba gara Website kanaatti deemuun ykn link kana tuquun «Create New Account» kan jedhu tuqna, link isaa kunooti melatop.com

«Create New Account» kan jedhu erga tuqne booda foormii akka nuti guunnu nuuf dhiyeessutu jira, isa erga guunne booda «Create account» kan jedhu tuqna sana booda Koodii karaa lakkoofsa bilbila keessanii ykn karaa Bot Telegram isaanii isiniif ergu isa erga galchitan booda gara «Dashboard» isaatti isin galcha.

Erga gara Dashboard isaatti seenne booda gubbaa irraa mallattoo mataa namaa kan qabu tuquun profile keenya guutuu taasisna ykn odeeffannoo profile keenya guutummaa isaa ni guunna. Sana boodas mallattoo sarara sadii tuquun «Posts» kan jedhu filachuun post achi keessa jiran keessaa kan barbaanne «Copy Link» kan jedhu tuquun gara Facebook ykn Telegram keenyaatti deemnee paste taasisuun namoonni Link sanaan seenanii yeroo post sana dubbisan qarshii ni arganna.



Qarshii argannu kana akkamitti guddisuu dandeenya?


Akkuma armaan olitti ilaalle website kana irratti qarshii kan argannu link nuti copy taasisne sana namni yeroo tuqu yoo ta'u, baay'inni ykn hangi qarshii nuti argannuus teessoo nama link sana tuqee ykn biyya namni link sana nuuf tuqe jiraatu irratti hundaa'a.

Fakkeenyaaf;

Namni link sana tuqe USA jiraata yoo ta'e Click tokkoon Saantima 16 arganna
Namni Link sana tuqe UK, Canada fi Australia jiraatu yoo ta'es qarshiin nuti argannu olaanaadha. Yoo namoonni nuuf Link sana tuqan biyyoota Afriikaa fi Itoophiyaa keessa ta'aan ammoo click tokkoon Saantima 0.03 arganna.

Kanaafuu kana akkamitti guddisuu dandeenya kan jedhuuf ammoo namoonni biyyoota armaan olitti caqasne keessaa fira qabdan qarshii hedduu hojjechuu dandeessu. Namoonni Itoophiyaa keessa jirtan ammoo link sana erga copy taasistan booda yoo dandeessan barreeffama isaa Amaariffaan jiru Ingiliffatti hiikuun ykn jijjjiiruun Page Facebook bebbeekamoo biyyoota armaan olitti caqasne jalatti comment taasisuun qarshii hedduu argachuu dandeessu. Garuu kana taasisuuf akkaawuntii Facebook sobaa banachuu qabdu sababni isaas Facebook account keessan waan isin jalaa cufuuf. Kanaafuu hojii kana yeroo hojjettan account Facebook sobaa fayyadamaa. Akkasumas group fi page Facebook kan qabdan ammoo baay'ee gaariidha garuu of eeggannoo taasisaa. Akkasumas channel fi group Telegram keessan irrattis post taasisuu ni dandeessu.

Qarshii keenya akkamitti baafachuu dandeenya?


Jalqaba mallattoo mataa namaa gubbaa jiru tuquun «Payment Setting» erga tuqne booda ni arganna.

Qarshii website kana irratti hojjenne baafachuu kan dandeenyu Birrii 30 fi isaa ol yoo ta'e qofa. Baafachuu kan dandeenyus karaa lamaan yoo ta'u, karaa Kaardii Mobaayilii fi karaa YenePay dha. Qarshii keenya karaa YenePay kan baafannu yoo ta'e jalqaba Applikeeshinii YenePay Play store irraa buufachuu account isaa banachuu qabna sana boodas YenePay kana irraa gara CBEbirr keenyatti erguun Baankiidhaa baafachuu ni dandeenya.

Wantoota nuti gonkumaa raawwachuu hin qabne!


Website kana irratti yeroo hojjennu wantoonni nuti raawwachuu hin qabne ni jiru, isaan yoo raawwanne account keenya ni cufama! kanaafuu of eeggannoo taasisaa! Isaanis;

• Link mataa keenyaa tuquu hin qabnu
• Weebsaayitiiwwan click nuuf tuqan fayyadamuu hin qabnu;
• Link nuuf kenname kallattiidhaan Post taasisuu qabna malee wantoota biroo itti dabaluu fi dirqamaan nama tuqsiisuu hin qabnu.

Wanti isin rakkise yoo jiraate group keenya Telegram irratti gaafachuu ni dandeessu. @orotechgroup