Qabxiilee ijoo waa'ee Qormaata Bahumsaa ykn Exit Exam
Ministeerri Barnootaa waa'ee barattoota Qormaata Bahumsaa bara kana galma'aanii, fudhatanii fi darbanii maal jedhe?
Ibsa suuraa :- barattoota Yuunivarsiitii garaa garaa qormaata bahumsaa qoromuu irratti.
Yeroo jalqabaatiif akka biyya keenyaatti barattoota kaadhimamtoota eebbifamtoota digirii jalqabaa bara 2015 tiif Waxabajjii 30 irraa kaasee guyyoota jahaf kennamaa kan ture Qormaanni bahumsaa ykn «Exit Exam» nagaadhaan xumuramuu isaa Ministeerri Barnootaa ibseera. Akkasumas waa'ee haala kenniinsa qormaatichaa irratti, qaamolee kenniinsa qormaata kanaa milkaa'inaan akka xumuramu gargaaranii, waa'ee barattoota qormaata kana fudhatanii, waa'ee barattoota darbanii fi k.k.f qabxiilee garaa garaa irratti Ministeerichi ibsa baaseera nuti ibsa Ministeerichi baase gabaabsinee kan isin biraan geenyu ta'a.
✓ Barattoota qormaata bahumsaa biyyaalessaa bara kana fudhatan keessaa kan darban 40.6% qofaadha. 🤔
✓ Waxabajjii 30 bara 2015 irraa kaasee guyyoota 6'f walitti aansee qormaata bahumsaa kennamaa ture kanaan kaadhimamtoonni eebbifamtoonni digirii jalqabaa 150,184 qormaata kana fudhachuu isaanii Ministeerri Barnootaa ibseera.
✓ Qormaata Bahumsaa karaa online kennamaa ture kana kaadhimamtoota eebbifamtoota digirii jalqabaa fudhatan kanneen keessaa barattoonni 61,054 ykn parsantiin 40.6 qormaata kana darbuu Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu'eel Kifleen ibsaniiru.
✓ Barattoota qormaata bahumsaa ykn Exit Exam darban kanneen keessaa ykn barattoota qormaata kana darban 61,054 keessaa barattoonni 48,632 dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaa irraa ykn Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa irraa akkasumas kanneen hafan 12,422 ammoo dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa irraa kan darban ta'uu isaanii caqasaniiru.
✓ Qormaanni bahumsaa bara kana kenname kunis sagantaawwan barnootaa 215'n kennamuu isaa kan ibsan Dooktarichi, akkasumas bu'aan qormaatichaa dhaabbilee barnoota olaanootiif ergamaa akka jirus ibsaniiru.
✓ Barattoonni qabxii darbiinsaa hin fidne ykn barattoonni qabxii darbiinsaa hin galmeessisne baatii Amajjii bara 2016 tti qormaata akka fudhatan ni taasifama jedhaniiru.
Akkasumas Ministeerri Barnootaa barattoonni karaa kam qabxii isaanii ilaallachuu danda'u kan jedhuuf karaa Weebsaayitii dhaabbatichaa karaa https://result.ethernet.edu.et/ guyyaa Adoolessa 9 bara 2015 galgala irraa kaasanii karaa Username isaaniif kenname fayyadamuun ykn Username isaanii irra galchuun akka ilaallachuu danda'an itti dabaluun ibseera.
Xumuramuu Qormaata Bahumsaatiin wal qabatee Ministeerri Barnootaa ibsa maalii baase?
• Bara kanatti qormaata bahumsaa ykn Exit Exam kan irra barattoonni ni taa'u jedhamee eegame ykn barattoonni qormaata kana ni fudhatu jedhamee tilmaamame barattoota kuma 240 yoo ta'an, garuu qormaata bahumsaa kana fudhachuuf gahaa ta'aanii kan galma'aan dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaa 48 irraa barattoota 84,627 fi akkasumas dhabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa 171 irraa ammoo barattoota 109,612 walumaa galatti barattoota 194,239 dha.
• Qormaata Bahumsaa ykn exit exam bara kana kenname fudhachuuf barattoota galma'aan keessaa; dhaabbilee barnoota olaanoo Mootummaa ykn Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa irraa barattoota galma'aan keessaa 77,981 ykn parsantii 92.15 kan ta'an, akkasumas barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa irraa galma'aan keessaa 72,203 ykn parsantii 65.87 kan ta'aan qofaadha qormaata bahumsaa kana kan fudhatan, walumaa galatti barattoota 150,184 jechuudha.
• Dhaabbilee Barnoota olaanoo Mootummaa ykn Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti barattoota qormaata kana fudhatan keessaa barattoonni 48,632 ykn parsantiin 62.37 qabxii darbiinsaa qormaata bahumsaa kan ta'e parsantii 50 fi isaa ol galmeessisaniiru.
• Haaluma wal fakkaatuun dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaatti barattoota qormaata kana fudhatan keessaa barattoonni 12,422 ykn parsantiin 17.2 qabxii darbiinsaa parsantii 50 fi isaa ol galmeessisaniiru.
• Walumaa galatti qormaata bahumsaa bara 2015 kenname kana irratti barattoota qormaata kana fudhatan keessaa barattoonni 61,054 ta'an ykn barattoota qoroman keessaa parsantii 40.65 kan ta'aan qabxii darbiinsaa parsantii 50 fi isaa ol galmeessisaniiru.
Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu'eel Kifleen waa'ee Qormaata Bahumsaa maal jedhan?
★ Qormaata bahumsaa barattoota fudhatan walii galaa keessaa parsantii 59.3 kan ta'an akka qabxii darbiinsaa hin galmeessisne ifa kan ta'e yoo ta'u, kufuu isaaniitiif «Sababni kophaa isaa ta'e tokko» akka hin jirre Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu'eel Kifleen ibsaniiru.
★ Sababa barattoonni hammi kun itti kufaniif baruuf ykn beekuuf «Ibsa gadi fagoo qabxii irratti» Ministeera Barnootaatiin akka hojjetamu dubbataniiru.
★ Dhaabbilee Barnoota olaanoo Mootummaa fi dhuunfaa gidduutti haalli darbiinsaa jiru baay'ee kan wal gatu ta'uu isaa, «Jechamni kana dura jedhamaa tures, dogoggora ta'uu dhiisuu isaa!» Doktar Saamu'eel Kifleen itti dabaluun ibsaniiru.
★ Itti dabaluunis «Dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa keessatti haalli raawwii jiru xiyyeeffannoo barbaada!» jedhaniiru.
★ Dhaabbilee Barnoota olaanoo dhuunfaa keessaa barattoota isaa parsantii 80 fi isaa ol dhaabbileen dabarsanis jiraachuu isaanii caqasuun «Rakkoon kun dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa hunda kan hin hammanne ta'uu isaa!» Doktar Saamu'eel Kifleen Gaazexeessitootatti himaniiru.
★ Dhaabbilee Barnoota olaanoo Mootummaattis ta'e kan dhuunfaatti dhaabbanni barataa osoo hin dabarsiin hafe kan hin jirre yoo ta'u, jechuunis dhaabbileen Mootummaas ta'e kan dhuunfaa barataa darbe qabu.
Ministeerri Barnootaa qormaata bahumsaa Yuunivarsiitii ji'a Jaha jahaan kan qopheessu ta'uu isaa kan ibsame yoo ta'u, barattoonni amma hin dabarre bara itti aanu jechuunis Amajjii bara 2016 qormaata qophaa'u kan biraa qoromuu akka danda'an ibsameera.
Ibsa suuraa :- Ibsa guutuu Ministeerri Barnootaa xumuramuu qormaata bahumsaan wal qabatee miidiyaalee dhaaf erge, guutummaa isaa dubbisaa!
Guduunfaa :- Egaa bara kana yeroo jalqabaatiif sagantaawwan hundaaf kan kenname qormaanni bahumsaa walumaa galatti bifa kanaan akka raawwatame Ministeerichi beeksiseera. Qabxiilee armaan olii irratti qofaa osoo hin taane Ministeerichi wantoota biroo irrattis ibsa baaseera suuraa armaan olii irraa ilaaluu dandeessu, akkasumas Yuunivarsiitiiwwan haala isaan bira jiru jechuunis barattoota isaan biratti qoroman keessaa meeqa akka darban, sagantaawwan isaan irraa darban gama biraatiin ammoo sagantaawwan isaan biratti kennamu irraa barattoonni meeqa akka darban ifa taasisaa jiru, odeeffannoo kanneenii fi kanneen biroo guutummaa isaanii Chaanaalii keenya Telegram irraa ni argattu join taasisaa.
4 Comments
096048
ReplyDeleteCalla Mustefa
ReplyDeleteMinisteri Barnoota Qabxii darbinna dipartimeti Economics akamiti ilalaa?
ReplyDelete111704
ReplyDelete