Ibsa Ministeerri Barnootaa waa'ee Qormaata Reemiidiyaalii dhabbilee barnoota dhuunfaa baase irratti barattootaa fi Maatiin barattootaa maal jedhan?
«Murteen kun fudhatama kan hin qabnedha, qormaatichi yoo danda'ame amma yoo hin taane, yeroo dhiyoo gidduutti kennamuu qaba!» Maatii Barattootaa
Barnoota Sagantaa Reemiidiyaalii hordofaa turanii qormaatichi gara Fulbaana bara 2016 tti kan jalaa darbe barattoonni sagantaa reemiidiyaalii barattoonni fi maatiin barattootaa murtee Ministeera Barnootaa irratti komii guddaa dhiyeessaniiru.
Barattoonni fi maatiin barattootaa ji'ootaaf qarshii isaanii kaffalaa barnootaa hordofaa fi guyyaa jalqabaa qormaata erga fudhatan booda Ministeerichi qormaatichi gara ji'a Fulbaanaatti darbuu isaa beeksisuun isaa gonkumaa sirrii miti jechuun mormaniiru.
Magaalaa Finfinnee dabalatee magaalota naannolee garaa garaatti barattoonni argaman murteen kuni akka haqamuuf qaama dhimmi ilaallatu walitti qabamanii gaafachuuf yaalii akka taasisan ibsaniiru.
Isaan kanneen keessaas fakkeenyaaf Magaalaa Finfinneetti Araat Kiiloo, naannoo Ministeera Barnootaaatti barattoonni gaaffii qabna jedhan walitti qabamanii gaaffii isaanii dhiyeessuuf yaalii taasisaniiru, akkasumas gama biraatiin barattoota dhuunfaa qormaata kana fudhatan Jimmaa akkasumas Hawaasaa irraas gaaffii isaanii walitti qabamanii dhiyeessuuf akka yaalan hubachuun danda'aameera.
Murteen kun komii nurra bulcheera kan jedhan barattoonni sagantaa reemiidiyaalii dhabbilee barnoota dhuunfaatti qoroman «Aarsaa hedduu kaffallee kan baranne, maatii irraa adda baanee kiraa manaa kaffalaa kan barannes jirra, maatiin keenyas nu barsiisuuf jedhanii gatii guddaa ykn baasii hedduu baasaniiru, kana hunda dandeenyee ji'oota afuriif turree amma nuti barattoota dhaabbilee barnootaa dhuunfaa qofaa adda nu baasanii hin qoromtan jedhamuun keenya sirrii miti, murteen kun dhiibbaa xiin sammuu guddaa nurraan gaha.» jechuun ibsaniiru.
Bifa wal fakkaatuun maatiin barattootaa murteen kun ijoolleen isaanii baay'ee kan itti dhadhaban dhadhabbii isaanii gara duubaatti kan deebisu ta'uu isaa ibsuun :- qo'annaa isaanii irratti dhiibbaa xiin sammuu inni geessisu hubachuun Ministeerri Barnootaa murtee isaa haquun ijoolleen isaanii qormaaticha akkuma barattoota isaan biroo yeroo wal fakkaataa fi waqtii wal fakkaataatt akka fudhatan akka taasifamu gaafataniiru.
Qormaatichi amma kan ta'uu hin dandeenye yoo ta'es barattoonni kan itti dhadhaban qophiin isaan qormaataaf taasisan osoo hin badiin guyyoota muraasa gidduutti akka ta'u barattoonni fi maatiin barattootaa gaafataniiru.
Barattoonnis ta'an maatiin barattootaa dogoggora fi rakkoo uumame irraa ka'uun murteen kuni darbuun isaa jireenya barattootaa irratti, yeroo fi umurii irratti dhiibbaa akka qabu hubachiisaniiru. Rakkoon hojimaataa kanaafis kan komatamu Ministeericha ta'ee, murteen kana fakkaatu darbee dhiibbaa barattoota irra gahuuf eenyu kan itti gaafatamu? jechuudhaanis gaafataniiru?
Murtee darbeen «Mooraaliin barattootaa miidhamuu hin qabu!» kan jedhan maatiin Tikvah miidiyaa tokko ammoo, rakkoon uumame jedhame eessaa fi eenyuun akka uumame qulqullaa'ee murteen darbuu qaba ture malee murteen jumlaa barbaachisaa miti jedhaniiru.
”Jalqabuma irraa kaasee sodaan akkasii yoo jiraate, barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa hundi Yuunivarsiitii Mootummaa seenanii akka qoroman taasisuun ni danda'aama ture. Kana irra yoo darbes Ministeerichi karoora biraa qabaachuu qaba ture.» jechuun murtee darbe kana mormaniiru.
Ministeerri Barnootaa dursee barattoota sagantaa reemiidiyaalii hundaaf dhaabbilee barattoota kanneen qabaniif qormaaticha Al tokko kennuuf kan karoorfamee ture fooyyessuun keessattuu 150 ol kan ta'aanii fi 200 ol Kaampaasii kan qaban dhaabbileen barnoota olaanoo dhuunfaa qormaanni isaanii hafee bifa wanta gara fuulduraatti murtaa'uun qormaatichi Fulbaana 26 bara 2016 akka kennamu murteen darbuun isaa ni yaadatama.
1 Comments
solomon fekeda
ReplyDelete